Tajaajila Baankii Kaardii
Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa Maashinoota ATM kabajamtoota maamiltoota isaa “OroCard fi BarakaCard” qabatan akka fayyadamaniif bakkeewwan tajaajilaaf mijaawaaa ta’an dhaabee jira.
Maashiniin ATM keenya Kaardii ATM baankii kamii iyyuu ni fudhata. Maqaan addaa tajaajilla baankii Kaardii keenyaa “OroCard” jedhamuun beekama.
ATM’n baankii keenyaa Afaanota 4 Afaan Oromoo,Ingiliffaa, Amaariffaa fi Tigiriffaan torban guutuu sa’a 24 tajaajila kennaa jira.