Siinqee – Herrega Qusannaa Waadi’aa Dubartoota

Faayidaa fi amala addaa tajaajila kanaa

  • Haawwen ykn dubartoonni aadaa qusannaa isaanii akka gabbifatanii fi maallaqa qusatan irraa faayidaa addaa akka argatan kan taasisuudha.
  • Herrega kana banachuuf umriin hin daangessu, shamarran waggaa 18 gadiis karaa maatii isaanii banachuu ni danda’u.
  • Waloon ykn dhuunfaan banachuun ni danda’ama.
  • Herrega kana qarshii malees banuun kan danda’amu yoo ta’u, guyyaa baname irraa kaasee hanga ji’a tokkoo gidduutti qusannaan jalqabamuu qaba.
  • Tajaajila baankii moobaayilaa fi interneetiin fayyadamuun kan danda’amu yoo ta’u, qarshii yeroo fi hanga barbaadan baafachuun ni danda’ama.
  • Tajaajilli kun seera Sheriyaa giddugaleessa godhatee kan raawwatu ta’a.
  • Abbaan Herregichaa dhaabbata daldalaa filataman waliin POS maashiniin yeroo bittaaf gurgurtaa raawwatu gatiin bittaa addatti hir’ifamaaf.
  • Faayidaaleen garaagaraas ni jiraata.