Milkaa’ina Baankii
Seenaa Baankii Biyya keenyaa keessatti, Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa hojii jalqabee ji’oota 8 keessatti qofaa dameewwan 26 banuu kan danda’e yoo ta’u, kanneen keessaa dameewwan 21 Finfinneen alatti kan banamaniidha.
Baankiin keenya yeroo ammaa dameewwan 300 ol banee hojjechaa jira. Adeemsi dameewwan babal’isuu BIO kun industirii baankii biyya keenyaatiif dadammaqiinsa guddaa waan uumeef baay’inni dameewwan baankota biyya keenyaa yeroo ammaa jiraniif sababa guddaa ta’eera.
Yeroo hundeeffame humna namaa 15 fudhachuun Giddu gala Leenjii Faayinaansii ammayyaa ijaaruf qophiirra kan jiru yoo ta’u, Magaalaa Adaamaa keessaas gamoo abbaa darbii afurii bitatee kessatti hojjachaa jira.
Milkaa’inni biroon ammoo Baankiin keenya Gamoo ‘SA’ jedhamuun beekamu abbaa darbii 13 Qarshii miliyoona 210 niin Daandii Boolee geessurratti kan argamu bitachuun waajjira muummee godhatee itti hojjachaa jira. Baankichis hojii baankiifis ta’ee daldala biraatiif tarsiimawaadha. Waan kana ta’eef, gamoon kun hanga inni haaraan ijaaramutti waajjira muummee baankichaa ta’ee tajajila. BIO’n wajjira muummee kan ofii qabaachuun isaa baankota dhuunfaa biyya kana keessa jiran keessaa isa lammaffaa isa taasisa.
Waan hunda caalaa ammoo turtii isaa waggoota muraasaa kana keessatti fudhatama ummataa ol’aanaafi maqaa gaarii gonfachuu danda’uunsaa kan nama boonsudha.
Sababa amantaa isaaniitiif hawaasa tajaajila baankii idilee hinfayyadamneef fala barbaaduuf jecha BIOn tajaajila baankii dhala irraa bilisaa biyya kana keessatti beeksisuu fi kan jalqabuun baankoota kanneen biroof fakkeenya guddaa ta’eera.Yeroo ammaa tajaajila baankii dhala irraa bilisaa dameewwan hunda keessatti kennuun cinaatti, dameewwan tjaajila baankii dahala irraa bilisaa kennan qofa banee hojjechaa jira. Tajaajila kanaafis dhaabbilee Idil-addunyaa irraa beekamtii fi waraqaa ragaa argateera.
Kana malees, baankiin keenya yeroo ammaa sirna teekinooloojii ‘Core Banking’ diriirsuun dameewwan isaa hunda keessatti haala milkaa’aa ta’een hojiirra oolchee hojjachaa jira. Haaluma kanaan, Baankichi tajaajila baankii tekinooloojii jabanaatiin deggaramee maamiltootasaa tajaajilaa jira. Maamiltoonnis dameewwan Baankichaa tokkorratti qofa osoo hindaangeffamin tajaajila gosa kamiyyuu argachuu kan isaan dandeessisu sirna koor-baankiingiitiin dameewwan hundi walitti hidhamanii jiru.