Tajaajila Daldalaa

Gabaa addunyaa keessatti baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa maamiltoota isaatiif tajaajila meeshaalee biyya alaatii galchuu fi erguu ni kenna. Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa gurgurtootaa fi bittoota gidduutti haalli bittaaf gurgurtaa akka sirratuuf walitti dhufeenyi akka mijatu gochuuf tajaajila gorsa ogummaa fi tajaajila maamilaa si’ataa ta’e ni kenna.

Fichisiisaa

Maamiltoonni keenya karaa baankii keenyaa yeroo gara biyyaa galchan xalayaa liqaa(A.C), faayila maallaqa calallaa(CAD),kaffaltii dursaa maallaqa callaadhaan, galmee kaffaltii maallaqaa fayyadamuun ni raawwatama.

Fichisiistotaaf Xalayaa liqaa argachuuf ragaalee barbaachisan

  • L.C banuudhaaf unkaa iyyannoo haalaan guutuu
  • Unkaan iyyannoo sharafa biyya alaa guutamee mallattoo fichisiisaa fi chaaphaa seera qabeessaa qabaachuu qaba.
  • Baay’ina haalaa fi tarree meeshaalee,sadarkaa,qulqullina,hanga, haala safartuu, waliigaltee kaffaltii, gatii meeshaa tokkoo fi gatii meeshaalee walii gala akkasumas bakka dhiyeessii adda baafame sanada caalbaasii koppii sadiin dhiyeessuu qaba,
  • Daldala biyya alaa sirrii ta’e,Investimentii ykn eeyyama Industirii fi setifikeetii TIN koppii,
  • Waraqaa raga Kubbaaniyaa Inshuraansii biyya keessaa heeyyama qabu.
  • Maqaan qaama iyyatee baankii biyyoolessaatti tarree tuqaa gurraachaa keessa akka hin jirre mirkaneefachuu,
  • Raga maallaqa calla (CAD)

Akkaataa CAD tti ragaalee fichisiisaaf barbaachisan

  • Dursee ajaja bittaa baankichaan mirkanaa’e, pirofoormaa gaaffii maallaqaa,daldala biyya alaa sirrii,investimentii ykn eeyyama industirii, waraqaa ragaa kaffalaa gibiraa,
  • Meeshaalee gara biyyaa galaniif waraqaa ragummaa wabii koppii tokko,
  • Sharafa daldala biyya alaa mijeessuuf unkaa qabate,kan mallattaa’ee fi chaaphaan rukutame,
  • Naga’ee gaaffii kaffaltii koppii sadii,
  • Waraqaa ragaa koppii lama
  • Ragaalee fe’insaa hunda walitti qabee fknf naga’ee fe’insaa, herrega buufata xiyyaaraa/konkolaataa fe’insaa/herrega baaburaa/bakka bu’oota imalaa fi kkf fi gaaffii konkolaataa sirrii kaffaltii ilaalchisee,
  • Kaffaltii dursaa.

Biyya alaatti erguu

Maamiltoonni keenya karaa baankii keenyaa gara biyya alaa yeroo ergan xalayaan liqaan(L.C) ragaalee maallaqa callaa(CAD), kaffaltii dursaa maallaqa callaan mala galmee kaffaltii maallaqaa fayyadamuun ni raawwata.

Gara biyya alaa erguuf ragaalee barbaachsan karaa(CAD)

  • Eeyyama daldala erginsaa sirrii
  • Meeshaalee gara alaa ergaman guutuu ta’e koppii 4 unkaa eeyyama baankichaa (unkaa eeyyama baankichaan dhiyaatu),
  • Gaaffilee nagahee kaffaltii guutuu ta’e fi mallattoo qabu,barbaachisaa ta’ee yoo argame gaaffiin kaffaltii dhaabbata daldalaan mirkanaa’uu qaba.
  • Walii galtee gurgurtaa.