Hundeeffama Baankii

Bara

0

Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa kan hundeeffame   akkaataa   seeraa   fi  qajeelfamootaan wal simatuufi koodii daldalaa Itoophiyaa kan bara 1960 A.L.A; labsii sirna maallaqaa fi hojii baankii lakkoofsa 83/1994 fi akkaataa heeyyamaa fi to’annaa hojii baankii labsii lakkoofsa 592/2008 tiin heeyyama daldala hojii baankii kan argate Fulbaana 18, 2008 A.L.A yommuu ta’u,   kaappitaala heeyyamame Qar. Biliyoona 1.5, kaapitaala mallatteeffame Qar.Miliyoona 279.2 fi kaappitaala kaffalame Qar.Miliyoona 91.2 tiin  hundeeffame. Haaluma kanaan, Onkololessa 25,  2008  damee  isa jalqabaa, Gamoo ‘Dambal City Center’ irratti Damee Boolee banee tajaajila hojii baankii guutuu kennuu eegale.

Baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa kaappitaala isaa Qar. Biliyoona 6tti  ol guddisuuf kan murteesse yoo ta’u, kaappitaalli kaffalame ammoo gara Qar. Biliyoona 3tti ol guddatee jira.