Herrega Sharafa Biyya Alaa
Sharafa biyya alaa jiraattota biyya keenyaa hin taaneef
Herregni kun kan banamu dhaabbilee Idil-Addunyaa Itiyoophiyaa keessa jiraataniif,Imbaasiilee,Lammiilee biyya alaa fi kkf dha.
Herrega sharafa biyya alaa banuuf gaaffii baninsa herregaa Baankii biyyoolessa Itiyoophiyaa barreesisuudhaan eeyyama waliin wal qabatee dhiyaachuu qaba.
Eeyyamni maqaa nama banamuufii, gosa sharafa biyya alaa of keessatti hammata.
Namoota biyya alaa jiraataniif herrega qarshiin darbu (NRT)
Namoota biyya alaa jiraataniif herrega qarshiin darbu dhalli kan itti herregamu yemmuu ta’u qarshiin Itiyoophiyaa qofaan socho’u, jiraattota biyya kanaaf sharafa biyya alaa fi Namoota biyya alaa jiraataniif herregni qarshii darbuu danda’u maddi isaa biyya alaatii kan dhufan yookaan kaffaltii jiraattota biroo qofaa irraa ta’uu danda’a.
Herrega qarshii jaraattota biyya alaaf hin daddarbine
Qarshii jiraattota biyya alaaf hin daddabarre herrega qarshii dhalli itti hin herregamnedha. Haata’u malee isaan qarshiidhaan moggaafamu.
Akkaataa ulaagaa Baankiin biyyoolessa Itiyoophiyaa heeyamutti meeshaalee fi tajaajila ergaa sharafa biyya alaa lama Riteenshinii sharafa biyya alaa banuu ni danda’u.
- Herrega Riteenshinii sharafa biyya alaa “A” yeroo tokko dabarsuuf 30%
- Herrega Riteenshinii sharafa biyya alaa “B” yeroo tokko dabarsuuf 70%
- Herrega Riteenshinii “A” keessa herregni jiru yeroo hin murtoofneef kan turu yeroo ta’u gaaffii abbaa herregichaatiin guutummaa guutuutti ykn gar-tokken kennamuufii danda’a.
- Herrega Riteenshinii “B” keessatti herregni jiru guyyoota 28 keessatti sharafa biyya laa baankichaan guutumma guutuutti ykn gartokkeen isaa ni gurgurama. Hafteen guyyoota hojii itti aanan 28 booda gara maallaqa biyya keessaatti jijjiirama.
Herrega sharafa biyya alaa diyaasbooraa Itiyoophiyaaf
Waggaa tokko ol kanneen biyya alaa jiraatanii fin kan hojjetan qabeenya lammiilee Itiyoophiyaa ykn namoota biyya alaa jiraatanii kan ta’e waggaa tokkoo ol kan ta’e dhaabbileen daldalaa herrega sharafa biyya alaa kanatti aanee jiru banachuu danda’u.
- Doolaara Amerikaa
- Paawondii Isterlingii
- Yuuroo
Gosoota herrega Diyaasbooraa
- Herrega qusannoo yeroon daangeffame:dhalli kan itti herregamu ta’ee yeroon turtii isaa walii galteedhaan ta’a.
- Herrega socho’aa: Herrega Cheekiidhaan socho’udha.
- Herrega qarshii hin deebinee:kaffaltii biyya keessaa qofaaf kan oolu akka herrega kuufamaatti fudhatamuu kan danda’udha. Herregoota kana irratti hangi dhala qusannii Baankiin biyyoolessa Itiyoophiyaa isa xiqqaarra hangi dhala qusannoo dachaan ni dabala.