Herrega Qusannaa

Herrega qusannoo dhallii itti herregamu herrega kuufamaa yemmuu ta’u, tajaajilli kun nama dhuunfaa fi dhaabbilee qaama seerummaa qaban kamiifuu ni kennama.

Amaloota Tajaajilichaa

  • Herrega qusannoo kana banachuuf hangi qarshii 50.00 ta’us garuu baatii tokko qofaa kan turu zeeroodhaan banuun ni danda’ama,
  • Herregni qusannoo zeeroon baname baatii tokko keessatti yoo xiqqaate qarshiin yoo irratti qusatamuu baate herregichi ni cufama,
  • Qaamni bakka bu’insa seeraa qabu bakka abbaa herregichaa bu’uun maqaa abbaa herregichaan herregicha sochoosuu ni danda’a,
  • Qarshii baay’ee daangaa malee qusachuu ni danda’ama,
  • Namoonni dhuunfaa,dhaabbileen,kilaboonnii fi dhaabbileen faayinaansii fi k.k.f herrega qusannoo kana bananii fayyadamuu ni danda’u.
  • Herrega waliinii (fi/yookaan) sochoosuun ni danda’ama.