Herrega Qusannaa Faayidaa Dabalataa Argamsiisu

Herregni kun hojjettoota mindeeffamanii hojjetaniif kan qophaa’e yoo ta’u, qarshii hanaga heyamame erga qusatanii booda tajaajila liqii bittaa mana jireenyaa ykn konkolaataa kan itti argatanidha.

Amaloota Tajaajilichaa

  • Kaapitaala hojii guddifachuuf, hojii daldalaa eegaluuf ykn baballisuuf maamiloota qusachaa turaniif tajaajila liqii qophaa’eedha;
  • Hanga yeroo baankichi daangesse xumuramutti maallqa qusatame baasii gochuun hin danda’amu;
  • Haala biizinasichaa fi hariiroo jiru irratti hundaa’uun dhalli herregamu gadi bu’uu danda’a;
  • Akkaataa waliigaltee mallatteeffameen yeroo maallaqni taa’uu qabu xumurameen abbaan herregaa qarshii qusatee fi dhala isaa baasii gochuu kan danda’u yoo ta’u, qbasiisa/collateral/ xiqqoo fi dhala xiqqaan liqeeffachuu ni danda’a;
  • Yeroon waliigaltichaa erga xumuramee booda, maamilli qarshii qusate baafachuu, walii galtee haaressuu ykn gara kuufannaa yeroon daangeffametti jijjiiruu ni danda’a.