Handhuuraa: Herrega Qusannaa Daa’immanii

Amaloota Tajaajilichaa

  • Herrega qusannoo kana maatiin/guddiftoonni waliin yookaan qofa qofaa banuu ni danda’u.
  • Maqaan daa’imaa maqaa maatii/guddistotaatti aanee barreefamuu qaba.
  • Herregni qusannoo kun hanga umuriin daa’imaa ga’utti maatiidhaan/Guddistootaan socho’a.
  • Hanga umuriin daa’imaa herregicha sochoosuuf qaqqabutti herregicha Dabtara qusannoon socho’a.
  • Herrega qusannoo kanaaf kaardiin kaffaltii kamiyyuu hin qophaa’u.
  • Herrega kana yeroo banan kaffaltii malee banuu ni danda’u ta’us baatii tokko keessatti qusannoo jalqabuu qabu.
  • Yeroo barbaadanitti hanga maallaqa barbaadan baasuun ni danda’ama.
  • Daa’imni waggaa 18 yeroo guutuu herregichi guutummaatti gara maqaa isaatti jijjiiramee gara herrega qusannoo iddileetti ni jijjiirama.
  • Waggaa 18 booda daa’imni deggersa maatii ykn Guddistootaa malee herregicha sochoosuuf mirga qaba.