Eegumsa Herrega Socho’aaf Taasifamu

Tajaajilli kun Furmaata Kaffaltii Cheekii jedhamees ni waamama. Herregni kun herrega qusannoo maamilaan kan walitti hidhame yoo ta’u, qarshii gahaan yoo herregicharra hinjiraanne cheekiin cituu hindanda’u.

Amaloota Tajaajilichaa

  • Amalli addaa herrega kanaa maamilli yoo maallaqni gahaan herrega isaarra utuu hinjiraatin, cheekii mure himatamuu irra cheekicha deebisuuf carraa kennaafi;
  • Herrega qusannoo fi socho’aa wal qabsiisuuf Abbaa Herregachaatu Baankii ajaja;
  • Herrega socho’aa irratti dhalli kan hin herregamne yoo ta’u, herrega qusannoo irratti garuu dhalli haala idileetiin I herregama;
  • Abbaan herrega qusannoo qarshii 5,000,000 fi isaa ol qabu tajaajila kana argachuu ni danda’a;
  • Kuufamni hanga heyamamu herrega qusannaarratti haa afu malee baay’inni qarshii baasii ta’u dangeffamaa miti;
  • Yoo herrega socho’aa irra hanqinni maallaqaa mudate, maamilli battalumatti herrega qusannaa irraa gara cheekiitti naanneffachuu ni danda’a;
  • Yeroo maamilli tajaajila kanaa herrega qusannaa irraa gara cheekiitti dabarsu, battalumatti odeeffannoon isa dhaqqaba