Herrega Investimentii Mudaraabbaah

Herregni kun maamiltoonnii fi baankiin investimentii irratti akka bobba’an kan gargaaruuf bu’aa kan argamsiisudha. Bu’aan argatan akkaataa waliigaltee isaaniitiin ta’ee kisaaraan yoo qaqqabe akkaataa buusii qarshii isaaniitiin ta’ee mirkaneessi raga odiitii yeroo kennamu qofaa hojii irra oola.

Mandhee herrega Investimentii daangeffamee

Maamilli herrega murtoo dhaabbanni investimentii itti murteesse yeroo ta’u baankichi gosa hojii maamilli murteesse qofaa irra oolchuuf ni dirqama.

Amaloota addaa gosa mandhee Herrega investimentii fi faayidaa isaa

  • Dhala irraa bilisa ta’ee bu’aa fooyya’aa kan agarsiisudha.
  • Hirmaanni bu’aa akkaataa waliigaltee baankii fi maamila gidduutti dursee raawwatameeni.
  • Waliigalteen yoo ta’e kasaaraan yoo mudates hangi ga’ee investimentii akkaataa mirkaneessa odiitii sheriyaan nama qarshii kaawwate irrattis ni jiraata.
  • Hirmaannaan bu’aa fi kaffaltiin akkaataa waliigalteen ta’ee hangi ga’ee akkaataa mirkaneessa odiitii sheriyaan nama qarshii kaawwatu irra ni jiraata.
  • Hangi kuufannaa inni xiqqaan qarshii 10,000,000(miliyoona kudhan) dha.
  • Tajaajila kanaaf baankii waraqaa raga yeroon daangeffame ni kenna.

Mandhee herrega investimentii hin daangeffamne

Herrega investimentii mudrahabaa hin daangeffamne/Fandii/ jechuu biizinesii fandichi irra oolu/gosa daldalaa baankiin fedhii fi heeyyama abbaa fandichaa barbaachisuu yoo baate baankichi gosa daldalaa bu’aa argamsiisu irra kan oolchudha.

Gosti mandhee herrega investimentii akkasii amalootaa fi faayidaa addaa

  • Dhala irraa bilisa ta’ee bu’aa fooyya’aa kan argamsiisudha.
  • Bu’aa fi kasaaraa baankii fi maamilli kan irratti waliif galan ta’a.
  • Hirmaannaa bu’aa fi kaffaltii akkaataa walii galteen ta’ee hangi qusannoo investimentii xiqqaan 1,000,0000(miliyoona tokko) dha.
  • Tajaajila kanaaf baankii waraqaa raga yeroon daangeffame ni kenna.