Handhuuraa- Herrega Waad’aa Daa’immanii

Herrega qusannaa maatiin/ guddistoonni daa’imman isaanii waggaa 18 gadi ta’aniif maallaqa qusatan yommuu ta’u, jireenya daa’immanii gara fuul duraaf faayidaa addaa argamsiisa.

Amaloonni Tajaajilichaa

  • Haadhaa fi abbaan daa’imaa ykn guddistoonni daa’imaa waliin ykn qofaa isaanii herrega kana banuu ni danda’u. Herrega kana qarshii malees banuun kan danda’amu yoo ta’u, guyyaa baname irraa kaasee hanga ji’a tokkoo gidduutti qusannaan jalqabamuu qaba.
  • Maqaan daa’imaa herrega kana keessatti maqaa maatiitti aanee barreeffamuu qaba.
  • Qarshii yeroo fi hanga barbaadan baafachuun ni danda’ama.
  • Erga daa’imni waggaa 18 guutee booda herregni kun guutumaa guutuutti maqaa daa’imaatti kan jijjiiramu ta’ee herrega qusannaa idilee ta’a.
  • Herregni kun haala shariyaa eegee raawwatama.