Faayinaansii Mudaraabbaah

Tajaajilli mudaraabaa faayinaansii kaka’umsa baankichaa fi ajaja maamilaan meeshaalee seerri sheriyaa heeyyamu,Maashiniiwwan ykn konkolaataa gurguddaa bituu fi baasilee garaagaraa yeroo bittaa ba’ani hanga bu’aa baankichaa gatii meeshaa irratti dabaluun maamiloota tajaajila faayinaansii barbaadaniif  adeemsa bittaan dabarsuu baankichaati. Haata’u malee tajaajilli kan kan geggeefamu akkaataa waliigaltee maamilaa fi baankii gidduutti dursee geggeefameen ta’a. Baankiin meeshaalee bitaman maamilaaf guutummaa guutuutti hanga dabarsutti mirga abbummaa ni qabaata.

Maamiltoonni tajaajila Murahabaa Faayinaansii argatan hunduu

Hojii fichisiisuu irratti kanneen bobba’an

Biyya keessatti daldala Juumlaa fi qeenxee irratti kanneen bobba’an, hojii ijaarsaa fi galteewwan ijaarsaa fi dhiyeessii tajaajila geejibaa gurguddaa irratti kanneen bobba’aniif.

Hojii Konkolaataa ofii isaatiif bitachuu ykn bitee kireessuu irratti

Hojii Oomishaalee industirii oomishee gurguruu fi galtee oomisha industirii bituuf kanneen barbaadan tajaajilicha fayyadamuu danda’u.

Amaloota addaa kanaa fi faayidaalee isaa

  • Guutummaa guutuutti seera sheriyaan kan deggeramee fi tajaajila faayinaansii dhala irraa bilisaati.
  • Baankiin hanga bu’aa isaa gatii meeshaa irratti dabaluudhaan karaa itti maamilaaf dabarsudha.
  • Baankiin abbaa qabeenyummaa meeshichaa erga kan dhuunfaa isaa godhatee booda maamilaaf dabarsa.
  • Baankiin meeshaa gurguramu ofii isaatii ykn karaa bakka bu’aa isaa bituu danda’a.
  • Maamilli gatii meeshaa yeruma sana harkaa harkatti ykn suuta suuta duubeen kaffaltii raawwachuu ni danda’a.
  • Fedhii Faayinaansii yeroo gabaabaa fi giddugaleessaaf kan ooludha.
  • Tajaajila faayinaansii kanaaf baankiin wabii gaafachuu danda’a.