Dirqama Hawaasummaa

Dirqama Hawaasummaa ba’uu jechuun haala naannoo fi dinagdee irratti dhiibbaa sirrii taasisuu yoo ta’u, balaa uumamaa yookaan nam-tolcheen yeroo uumamu deebii kennuuf muutummaas ta’e Hawaasni tarkaanfii fudhatu keessatti deggersa gochuu of keessatti hammata.

Dirqamni Hawaasummaa mul’ata dhaabbatichaa irraa kan maddedha.

Kanneen kanaan wal qabsiisee baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa dirqama hawaasummaa isaa sagantaa biizinesii isaan wal qabsiisee hojjechaa jira. Waggoottan shanan darban keessatti dhaabbilee gargaarsaa biyya keessaa, kutaa hawaasa balaa garaagaraaf saaxilaman, Pirojektii mootummaa fi kanneen biroof baankiin Intarnaashinaalii Oromiyaa qarshii miiliyoona 50 tti siqu gumaachee jira. Kanneen keessaa.

  • Ittisa COVID-19f mootummaa naannoo Oromiyaatiif qarshii Miiliyoona 3,
  • Ittisa COVID-19 ittisuuf koree sadarkaa federaalaatti hundaa’eef qarshii miiliyoona 5,
  • Bulchiinsa magaalaa Finfinneef bittaa dabtara barattootaaf qarshii miiliyoona 6,
  • Pirojektii magariisaa shaggariif qarshii miiliyoona 10,
  • Kutaa hawaasaa goginsaan miidhamaniif qarshii miiliyoona 2.7,
  • Eegumsa naannoof qarshii 400,000,
  • Dhaabbilee biyya keessaa qaqqabiinsa barnootaa irratti hojjetaniif qarshii 200,000,
  • Balaa uumamaa fi nam-tolcheedhaan lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf kan oolu qarshii miiliyoona 20,
  • Ijaarsa hidha guddicha laga abbayyaaf qarshii miiliyoona 1 gumaachee jira.
  • Qarshii Miiliyoona 5 Raayyaa ittisa biyyaaf kennee jira.
  • Finfinnee fi naannoo Finfinneetti meeshaalee barnootaa guutuuf bulchiinsa magaalaa Finfinneef qarshii miliyoona tokko gumaachee jira.