Daddabarsa Maallaqa Idil-Addunyaa

Tajaajila si’ataa fi hawwataa baankii Intarnaashinaalii oromiyaa fayyadamuun addunyaa kam irraayyuu firaa fi walitti dhufeenya daldalaaf qarshii isiniif ergamu haala mijataan ni argatu.

Tajaajilli hawaalaa baankii keenyaa kutaalee gurguddoo lamatti qoodama,

Hawaalaa gara biyya keessaa galu

Tajaajilli kun maallaqa biyya alaatii ergame karaa neetworkii dame baankii keenya hundaa kan fudhattanidha, kun karaalee kanatti fufanii jiran keessaa tokko ta’uu danda’a.

  • Karaa koodii Iswiiftii keenyaa(ORIRETAA) baankiirraa baankiitti
  • Karaa daddabarsaalee maallaqaa

OIB karaa dhaabbilee daddabarsa maallaqaa idil-addunyaa waliin hojjechuun tajaajila hammayyaawaa fi ariifataa kenna.

Westerni Yuuniyeen, Menii Giraam, Tiraanisfer Lerii ,Riyaa Faayinaanshaal, Daddabarsa Dahaabish, Tiraanisfer Menii,Exichenji,Shiifti Faayinanshiyaal,Golden Menii Tiraanisfer, Tiraanis festi, Yuuremit, Woorlid Remit,Exipires Menii Tiraanisfer

Hawaalaa gara biyya alaatti etgamu

Maamiltoota Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa biyya alaa jiraatan(nama dhuunfaa ykn dhaabbilee) tajaajila hawaalaa gaaffii isaaniitiin argatan ta’a.

akkaataa gaaffii  maamiltoota baankichaa biyya alaa jiraataniin dhaabbileef ykn nama dhuunfaaf karaa kaffaltii itti erganidha.tajaajila kaffaltichaa fiduuf(≤$5,000.00), kaffaltii mana barumsaa, kaffaltiilee Miseensummaa, kaffaltii gorsaa,herrega yaalaa, bakka Hoteelaa qabachuuf Inshuraansii fi kkf ni raawwata.