Sharafa jijjirra ala Muddee 20, 2015
SHARAFA | BITTAA | GURGURTAA | |
---|---|---|---|
![]() | USD | 53.3285 | 54.3951 |
![]() | EUR | 56.7522 | 57.8872 |
![]() | GBP | 64.2235 | 65.5080 |
![]() | SAR | 14.1850 | 14.4687 |
![]() | CHF | 57.3980 | 58.5460 |
![]() | AED | 14.5198 | 14.8102 |
Beeksisa
Oduu
Tajaajiloota Filannoo Keessaniin Wal Simatu Dhiyeessuu!
Baankii Interneetii
‘Oro Click’:Tajaajila sasalphaa argadhaa, tajaajilli baankii Interneetii keenya tajaajiloota baay’ee isiniif kenna.
Baankii Kaardii
‘Oro card’: ATM keenya fayyadamuun tajaajila Oro Card si’ataa fi mijaawaatti gammadaa.
Baankii Ejantii
‘Oro Agent’:Moggaasa maqaa tajaajila baankii murtaawaa bakka bu’oota OIB’n kennamudha.
Baankii Moobaayilaa
‘Oro Cash’:Meeshaalee socho’aa fayyadamuun sosochii maallaqaa geggeessuuf gargaara.
Tajaajila Baankii Idilee
Herrega Qusannaa
Tajaajilli herrega qusannoo kan dhalli itti herregamu ta’ee, nama dhuunfaa, dhaabataa fi waldaa qaama seera qabeessummaa qabaniif ni kennama.
Herrega Socho’aa
Herrega socho’aa ykn Cheekii jedhamuun kan beekamu namoota barreessuu fi dubbisuu danda’aniin kan banamu ykn bakka bu’insa seeraa qaama qabuun kan banamuu fi kan socho’udha.
Herrega Qusannaa Yeroon Daangeffame
Herregni yeroon daangeffame yeroon turtii isaa waliigaltee baankii fi abbaa herregichaa gidduutti taasifamuun kan daangeffamu yemmuu ta’u hanga yeroon isaa xumuramutti abbaan herregichaa qarshii hin baasu.
Faayinaansii Diyaasbooraa Irratti Xiyyeefate
Lammiilee Itoophiyaa biyya keessa hinjiraanneef ykn dhalattoOta Itoophiyaa biyya alaa jirataniif tajaajila kuufannaa sharafa biyya alaa kanneen akka Doolaara Ameerikaa, Paawundii…
Tajaajila Liqaa
Baankiin keenya kabajamtoota maamiltoota isaatiif liqaa yeroo dheeraaf gabaabaan dhaabbilee haala amaloota biiszinesii irratti hundaa’uun proojektii /daldalaaf liqaa kennuuf haala mijeessee jira.